• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn godina Baha Shaggar magaalaa Maqii fi Botee gidduutti diina adabe

Jan 31, 2024

ONM-ABO Amajjii 31, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Cibraa Erer Kormaa Buttaan Gafarsa Kormaa dheengaddaa Amajjii 29, 2024 galgala sa’a 12:00 hanga sa’a 2:00tti lola godina baha Shaggar magaalaa Maqii fi Botee gidduutti bakka addaa Xajjituu jedhamtutti tarkaanfii laalessaa fudhateen humna diinaa loltoota 12 irraa ajjeesuun hedduu madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Tarkaanfii laalessaa labsii kana kabachiisuuf daandii guddicha Awaasaa irraa gara Bishooftuutti irratti fudhatame kanaan diina baaragsuun labsiin Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasise akka kabajamu godhee jira.

Tarkaanfiin WBOn fudhatu itti fufa!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading