• Thu. Mar 12th, 2026

WBOn Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Jan 31, 2024

ONM-ABO Amajjii 31, 2024

Irree fi gaachanni Ummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa ganama har’aa Amajjii 31 tarkaanfii diina irratti fudhatee jira.

Tarkaanfii laalessaa jajjabeewwan ilmaan sabaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Galmaatti fudhataniin du’aa fi madoon adabuun lukkeelee diinaa sadii qawwee waliin jiraa irraa booji’ee jira.
Aanaa Galaanaa magaalaa Kombolchaattis diina mooraa keessaa ari’uun lama madeessuun meeshaale garaagaraa irraa booji’eera.

Itti fufuun aanuma Galaana ganda Qarsaa riqicha Diimaa irratti raayyaa ittisa impaayerattii sadii madoo dandammii hin qabneen adabeera.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading