• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Kibba lixa Shaggar aanaa Walisoo keessatti hidhaan jiraattota irratti waraana faashistii PPn jabaate

Feb 2, 2024

ONM-ABO Amajjii 2, 2024

Sirni bilxiginnaa namoota nagaa hiraarsuun gadaa aangoo isaa dheereffachuuf jecha namoota nagaa waggoottan 6n aangootti dhufee kaasee hidhuun manneen hidhaa irraa maallaqa guddaa gaafachuun baasuu aadaa godhatee yeroo ammaa kanas Oromiyaa guutuu keessatti hidhuu jabeessee jira.

Akkuma kanaanis godina Kibba lixa Shaggar aanaa Walisoo bulchiinsa magaalaa Diilallaa ganda 01 keessaa maqaa WBO waliin hidhata qabda jedhuun Amajjii 30, 2024 namoota hedduu qabuun hidhanii jiraachuun kan himamu Kumsaa Kabbadaa dabalatee namootni hedduun mana hidhaa keessatti hiraarfamaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dabalaatanis godina Kibba lixa Shaggar aanota adda addaa keessatti namootni hariiroo WBO waliin qabda maqaa jedhuun hidhamanii maallaqa guddaa kara kaadiroota PP gaafatamuun rakkoo keessa akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply