ONM-ABO Guraandhala 2, 2024
Mooraan murna bilxiginnaa diigamuu kan eegale yeroon isaa kan bubbulee yoo ta’u, loltootni sirnichaa hojii loltummaan tajaajilaa turan daba moorichaa keessatti ilmaan Oromoo irratti adeemsifamaa jiru hubachuun kan duraa irra sirnicha keessaa miliquu jabeessanii jiru.
Akkuma kanaanis Gurraandhala 1, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee mooraa magaalaa Qeebbee irraa loltootni sirna PP lama kan sabaan Oromoo ta’aan meeshaa guutuun ba’uun gooticha waraana bilisummaa Oromoo onicha keessa socho’uutti makamuu maddeen WBO gamasii ONMtti himaniiru.
Akka miseensotni humna PP mooricha ganuun ba’aan jedhanitti mooraan sirna bilxiginnaa yeroo ammaa raafama guddaa keessa seenuun wal dhibdee fi shakkii guddaan caasaalee sirnichaa gidduutti uumamuu irraan kan ka’e sabaan wal qoodanii wal hidhuu fi ajjeesuu irratti argamu jechuun dubbatu.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM 2, boombii 2, rasaasa 380 fi gumbii 6 moora sirnichaa keessaa baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru.
Loltoota mooraa PP keessatti hafuun tajaajilaa jiraniifis dhaamsa Oromummaa dabarsuun, daba paartiin Koloneel Abiy Ahimed ilmaan Oromoo irratti gochaa jiru sirnaan hubattanii jirtu kanaaf yeroon gara qabsoo sabaatti dhuftanii hawaasa keessan tajaajiltan amma waan ta’eef sabaaf gaachana ta’aa jechuun dhaamaniiru.


