• Tue. Nov 24th, 2026

Lammiileen Falasxiin awwaala jumlaa Gaazaatti argameen booda qorannoo idil addunyaa gaafatan

Feb 2, 2024

ONM-ABO Amajjii 2, 2024

Aangawoonni Falasxiin Gaazaatti awwaalli jumlaa reeffa hidhamtoota Falasxiin ija isaanii cufamanii fi harka hidhamanii erga argameen booda qorannoon idil-addunyaa akka gaggeeffamu gaafatan.

Yoo xiqqaate reeffa namoota 30 “xaxaa pilaastikii gurraacha” keessatti naannoo mana barumsaa Hamad kaaba Gaazaa keessatti kan argame yoo ta’u, qondaaltonni Falasxiin loltoonni Israa’el ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatan jechuun himataniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Falasxiin Roobii darbe waan “ajjeechaa” Israa’el jedhee ibse irratti qorannoon idil-addunyaa akka gaggeeffamu gaafateera. Gareen tokko “dhugaa fi akkaataa duguuggaa sanyiif ummanni keenya itti saaxilame baruuf” Gaazaa akka daawwatu jechuun gaafatan.

Namoonni du’an kun xaxaa keessa osoo hin kaa’amin dura ija isaanii cufamanii, dararamaa fi ajjeefamaniiru jechuun namoonni ijaan argan Aljazeeraaf himaniiru.

“Utuu qulqulleessinuu, mooraa mana barumsichaa keessaa tuullaa caccabaa tokko arganne. Reeffi kudhanootaan lakkaa’aman tuullaa kana jalatti awwaalamuu isaanii baruu keenyaan baay’ee rifanne,” jechuun namni ijaan arge tokko Al Jazeeraatti himeera.

Hamaas dhaabbileen mirga namoomaa awwaala jumlaa kana “galmeessuu” gochuu qabu jedheera.

Viidiyoonni erga waraanni kun jalqabee waraanni Israa’el qoode hedduun dhiironni Falasxiin dhibbaan lakkaa’aman hanga uffata jalaa isaaniitti uffatanii, qorra keessa ala taa’anii, yeroo tokko tokko ija isaanii cufatanii akka mul’atan agarsiisa. Viidiyoo muraasa keessattis dubartootaa fi daa’imman mul’ataniiru.

Lafti Gaazaa uummatni baay’inaan keessa jiraataa ture, ji’oota afuriif boombii cimaa fi haleellaa lafa irraa Israa’el raawwatteen barbadaa’eera.

Aanga’oonni fayyaa Gaazaa erga waraanni kun Onkoloolessa 7 jalqabee yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 26,900 akka ajjeefaman ibsuu Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply