• Wed. Nov 25th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti murni bilxiginnaa leenjii milishummaaf dargaggoota humnaan dirree waraanaatti guuraa jiraachuun himame

Feb 2, 2024

ONM-ABO Amajjii 2, 2024

Oromoo Oromoon cabsuu yaada jedhu qabatee gadi kan ba’e koloneel Abiy Ahimed ,gadaa aangoo isaa dheereffachuuf jecha ilmaan Oromoo humnaan maatii isaanii biraa fi bakka hojii isaaniitii qabuun dirree waraanaatti guuruu jabeessee itti fuufee jira.

Labsii murnichi baaseen aanota godina Walloo hunda keessaa namoota, 3500 leenjii milishummaaf qabdanii dhiheessuu qabdu jechuun, kaabinoota hanga milishootaa isaaniitti, qajeelfama kennuun, namoota 3500 umurii fi saalaan osoo adda hin baasin humnaan walitti qabuun mooraa leenjiitti geessanii leenjisaa akka jiran maddeen himuun, namoonni hedduun sodaa dirqiin nu oofu jedhu irraa kan ka’e gabaa fi hojii isaanii dhiisuun baqachaa jiraachuus dubbatan.

Uummatni Oromoo sirnoota dhufaa darbaniin ajjeefamaa fi hidhamaa akkasumas saamamaa, rakkoo hamtuu keessummeessaa kan turee fi har’as itti jiru yoo ta’u, kan bara koloneel Abiy Ahimed ammoo kan sirnoota darbanii caalee mul’ate kan jedhan hawaasa Oromooti.

Humnaan qabamuun dargaggoota kanneenis uummaticha kan rifaasise yoo ta’u, sirnichi ilmaan keenya, dirqiin qabee lola isaan hin ilaallannetti bobbaasaa waan turee fi ammas itti jiruuf dargaggootni hafan of eeggannoo akka godhan dhaamsa keenya biraan nuuf ga’aa kan jedhan jiraattota godina Wallooti.

Leave a Reply