• Tue. Nov 24th, 2026

Magaalaa Naqamtee keessatti murni bilxiginnaa barsiisota jumlaan hidhuun beekame

Feb 2, 2024

ONM-ABO Amajjii 2, 2024

Labsii Uggura Geejjibaa fi Lagannaa Gabaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo baase uummanni Oromoo ofitti fudhachuun Oromiyaa guututti hojii irra kan oolche yoo ta’u, aarii kana irraa ka’uun murni bilxiginnaa yeroo amma namoota jumlaan guuruun mana hidhaatti galchee dararaa jira.

Guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 1, 2024 Waraanni faashistii PP hoggantoota manneen barnootaa dhuunfaa magaalaa Naqamtee keessa jiran keessaa isintu manneen barnootaa irraa barattoota dhorke jechuun hoogganaa mana barnoota Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa maqaa isaanii Abdiisaa Tirfeessaa, Lalisaa yoo hidhuu maddeen himan.

hoogganaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Damee Naqamtee lakkoofsa 1 obbo Kennaa Tashoomee, mana barumsaa Dibooraa irraa hoogganaa mana barumsaa barsiisaa Abbayyaa, Yuuniversiitii Niiwujenereeshinii irraa barsiisota sadii hogganaa faakaaltii fayyaa kan ta’e Mokonnin Wadaajoo jedhamu guyyaa kaleessaa qabanii hidhuu dabaluun ibsan.

Akkasuma magaalaa Naqamtee keessatti quunnamtiin Interneetaa erga uummata irraa citee har’aan guyyaa sadaffaa lakkoofsiiseera.

Leave a Reply