ONM-ABO Amajjii 2, 2024
Sirni diinummaan isaa uummata Oromoo irratti ta’ee jiru bilxiginnaan uummata nagaa jiruu isaa geggeeffatu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun ajjeechaa, hidhaa, saamichaa, qe’ee irraa buqqisuu fi reebicha namni irraa fayyuu hin dandeenye hawaasa irratti raawwachuun gidiraa dhala namaa irratti hin raawwatamne raawwachaa jiru.
Irra deddeebiin sarbamiinsi mirgoota namoomaa keessatti kan raawwatamu godina Matakkal aanaa Dibaax keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Gurraandhala 1, 2024 namoota nagaa hojii idilee isaanii geggeeffatan hidhattootni murna bilxiginnaa maqaa WBOf heeru kennitu jedhuun namoota maqaan isaanii Darajjee Abarraa fi Magarsaa Akkasaa jedhaman reebicha ulfaataa irratti raawwataniin haala ulfaataa keessa jiraachuu maddeen himan.
Yeroo ammaas hospitaalatti yaalamaa jiraachuu fi haalli isaan keessa jiran yaaddessaa ta’uus maddeen dabaluun ibsuun diinummaan sirnichi ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru guyyaa irra gara guyyaatti dabalaa deemuus ibsaniiru.



