ONM-ABO Amajjii 2, 2024
Labsii Qeerroon Bilisummaa Oromoo baase guutummaan guutuuttii hojii irra ooluun murna bilxiginnaa kan raatesse yoo ta’u, uummata nagaa reebuu fi hidhuu filannoo taasifachuun dargaggoota hedduu reebicha irratti raawwachuun mana hidhaatti guuraa jiru.
Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti dargaggoota daandii fi mana irra deemuun guuranii waajjira poolisii magaalichaatti geessanii dararuu maddeen himuun, namoota hidhaman keessaa kan maqaa arganne Gadaa Ukee, Miilka Goljee, Batee Fiittaalaa, Dadhoo Baarisoo fi Fiittaalaa Obsee, kanneen jedhaman hidhanii dararaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.
Dargaggoonni hidhamanii jiran kunneen balleessaa kan hin qabnee fi sababuma uggurri magaalicha keessatti hojii irra ooleef jecha akka hidhamanii dararamaa jiranis ibsaniiru.
Akkasuma magaalicha keessatti yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa humna hawaasaa ol ta’etti namoota buna gurgurachuun karaa gubbaatti ofii fi maatii isaanii jiraachisan milishoonni sirnichaa mana irratti diiguun maatii hedduu beelaaf saaxiluun diinummaa jabaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jirus jedhaniiru.

