ONM-ABO Guraandhala 3, 2024
Tarkaanfii ajjeechaa dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffatee gaggeeffamaa jiru yeroo irraa gara yerootti hammaataa kan dhufe yoo ta’u, Guraandhala 1,2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa Booraa ganda Qarsaa bakka addaa Elaan jedhamtu keessaa dargaggootni sadii loltoota raayyaa ittisa impaayera itoophiyaatiin qabamuun ajjeefamuu maddeen gabaasan.
Dargaggootni ajjeefaman kunneen Diitaa Daalee, Abuu Dabalee fi Siidaa Malkaa kanneen jedhaman ta’uu kan himan maddeen keenya gamasii, waraanni sirnichaa ganda Qarsaa keessaa qabanii gara magaalaa Bottee jedhamtuu geessuun rasaasa itti roobsanii eega ajjeesaniin booda, daandii high way kan Hawaasaaf Moojoo gidduutti argamu irratti reeffa isaanii gatuus addeessan.
Bilxiginnaan kufaatii kallattii dinagdee, siyaasaa akkasumas waraanaa, ulaa garaa garaatiin isatti dhufe irraa of dandamachiisuuf, dhamaatii hedduu irra kan jiru yoo ta’u, gochaa fi akeeka isaatiin uummatni Oromoo bobaa isaa jalaa dhiibee eega isa baaseen booda, sirnichi uummaticha humnaan cabsee hawwii impaayericha suphuuf qabu dhugoomsuuf jecha ajjeechaa ijibbaataa addattuu dargaggoota Oromoo egeree sabichaa ta’aan irratti raawwataa jiru jabeessee jira.
