ONM-ABO Muddee 3, 2024
Haleellaa yeroo garaa garaatti irra deddeebiin naannoo Oromiyaa seenanii fudhachaa turan bifa haaraan eegaluun, hidhattootni mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz Lixa Oromiyaa aanaa Mana Sibuu ganda Kaarraa bakka addaa Qilxu Cabee jedhamu seenuun haleellaa kaleessa Muddee 2, 2024 raawwataniin lubbuu nama tokkoo dhabamsiisuun miidhaa hammaataa geessisuu maddeen himan.
Haleellaa gareeleen kunneen hawaasa nagaa irratti raawwataniin jiraataan gandichaa abbaan maatii maqaan isaa Addaamuu Abaataa jedhamu yoo ajjeefamu, Obboleessi isaa Alamii Abaataa jedhamuu fi namootni hedduun maqaan isaanii sababa rakkoo nageenyaa bakkicha keessa jiruuf adda hin baane hedduun hidhattoota kanaan ukkaamfamuun haga oduun kun qindaa’etti bakki isaan buufaman akkasumas du’aa fi jiraan isaanii adda hin ba’in jiraachuu maddeen ONM beeksisan.
Hidhattootni kunneen lubbuu namootaa balleessuu fi jiraatti ukkaamsanii fudhatanii deemuun cinatti qe’ee jiraattotaa hedduu barbadeessuun, qabeenya argatan horii lubbuu dabalatee haga danda’aan saamanii ooffatanii deemuu kan dubbatan maddeen, rakkoo kana gidduu seenee haleellaa uummata irratti raawwatameef birmannaa murni aangoo impaayerattii of harkaa qabu taasise kamillee Akka hin jirres Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti dabaluun himaniiru.


