• Mon. Mar 16th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo keessatti waraanni maafi’aa PP namoota nagaa hidhuun dararaa jiraachuun himame

Feb 3, 2024

ONM-ABO Muddee 3, 2024

Murni bilxiginnaa yeroo ammaa teessumni aangoo isaa raafamaa jiru waan qabee gadhiisu wallaaluun ilmaan Oromoo hiraarsaa kan jiru labsii qeerroon bilisummaa Oromoo uggura geejjibaa fi lagannaa gabaa labsee tureen namoota hedduu hidhanii jiraachuun beekameera

Akkuma kanaanis Amajjii 30, 2024 aanaa Jimmaa Arjoo keessaa abboota qabeenyaa fi konkolaachistoota hundumaa lakkoofsa gabatee isaanii irraa guuruun mana hidhaatti namoota galchanii jiru jechuun himu

Namootni hidhamanii jiranis baay’inni isaanii 12 ol yoo ta’u, obbo Baashaa Caalii konkolaataa fi konkolaachisaa isaa waliin hidhanii Kan jiranii fi Lammeessaa Tarrafaa, Sahidee Mohaammed, Roobaa Horsinaa, Darajjee Abaatee, Galaan Baqqaalaa, Addaamuu Xiixaa, Sanbee Dinbaasaa fi Geetanee Kan jedhaman dabalatee namootni hedduun hidhamanii akka jiran maddeen magaalichaa ONMtti himaniiru

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading