ONM-ABO Guraandhala 4, 2024
Waliigaltee Itiyoophiyaan Amajjii 1, 2024 Finfinneetti Somaliland waliin mallatteessite ji’a tokko keessatti waan mari’atan xumuramuuf karoorfamee ture.
Ammatti mallattoon gara sadarkaa itti aanutti tarkaanfachisuu mul’achaa hin jiru. Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa haala waliigalticha ilaalchisee ibsa hin baafne. Mootummaan Somaliland waggaa 33 – naannoo Somalia adda baate kan mootummaan Somalia Kaaba Soomaaliyaa jedhee waamu – kana ilaalchisees odeeffannoo haaraa hin baafne.
Dhiheenya kana Ministeerri Dhimmi Alaa Somaliland dhiheenya kana ibsa baaseen jidduu seenummaa biyyoota alaa balaaleffachuun dubbii Masriin waliigaltee Itoophiyaa waliin taasifte mormuun dubbatteef deebii kenneera.
Bal’ina waliigaltee kanaa baay’ee isaa uummanni hin beekamu. Mootummaan Itooophiyaa walii galteen kun qabeenya biyyoolessaa Itoophiyaa kan akka Ethio Telecom, Hidha Haaromsa Guddicha Abbaayyaa fi Daandii Qilleensa Itoophiyaa irraa qooda (kan hin ibsamne) Soomaalilaandiif laatti kan jedhame yoo ta’u, Itoophiyaaf ammoo qarqara galaanaa kiiloo meetira 20 kan kennu ta’uu dubbatamaa tureera.
Abiy Ahimed hogganaan koree giddu galeessaa paartii biyya bulchu dhuma baatii Amajjii walgahii madaallii gaggeesseen waliigaltichi gaarii ta’uu isaa madaaluun fi hojiirra oolmaa isaaf waadaa seenuun himameera.
Waliigaltee kanaan naannichatti waldhabdee uumeera. Mootummaan Somaaliyaa waa’ee waliigaltee kanaa aarii guddaa keessa seeneera. Waliigaltichi akka abbaa biyyummaa Somaaliyaa sarbeetti ilaalte.
Mootummaan Abiy Ahimed dhimma kana Moqaadishoof ibsuuf yaalii gochaa kan ture ta’us bakka bu’oonni aanga’oota Soomaaliyaa waliin wal arguuf carraan hin arganne. Somaaliyaan yeroo tokkotti xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gara Hargeesaa balali’aa ture naannoo qilleensaa dhorkiteetti.
Masrii, Eertiraa fi Liigii Arabaa sochoosuu malees, Somaaliyaan Amajjii 23, waldhabdee Itoophiyaa waliin qabdu irratti mari’achuuf walgahiin mana maree nageenyaa hatattamaa akka gaggeeffamu gaafatteetti. Akka maddeen gabaasanitti, Somaaliyaan walgahiidhaaf iyyannoo ishee mirkaneeffachuuf Chaartara Mootummoota Gamtoomanii keewwata 35 kaasuun ishee ni yaadatama. Kunis, biyyi miseensa Mootummoota Gamtoomanii kamiyyuu “falmii kamiyyuu, ykn haala keewwata 34 keessatti ibsame kamiyyuu jechuunis, kan waldhabdee idil-addunyaa fiduu danda’u ykn falmii uumuu danda’u Mana Maree Nageenyaa ykn Gumii waliigalaatti fiduu ni danda’a” kan jedhudha.
Gabaasa biyya keessaa irratti hundaa’uun, manni maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii waldhabdeen Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru sadarkaa IGAD fi Gamtaa Afriikaatti akka furamu taasisee jira. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Meles Alem wabeeffachuun akka gabaasanitti “Itoophiyaa fi Somaaliyaan waldhabdee isaanii karaa IGAD fi AUtiin akka hiikan Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii yaada dhiyeesse.”
Itoophiyaan walga’ii IGAD ji’a darbe Kaampaalaatti waamame irratti hirmaachuu dhiisuu filattus walgahiin biroon akka waamamu gaafattee jirti.
Somaaliyaan walii galteen kun osoo hin deebi’iin dura Itiyoophiyaa waliin wal mareen akka hin jirre ibsiteetti. Qaamoleen mootummaa fi kan mootummaa hin taane tasgabbii fi karaa nagaan mariin akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessaa turaniiru jechuun Hiiraan.com barreesseera.
