• Sat. Mar 14th, 2026

Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti dargaggoon tokko yoo ajjeefamu milishoonni sirnichaa hawaasa baadiyyaa fi magaalaa jidduutti shira xaxaa jiraachuun beekame

Feb 5, 2024

ONM-ABO Guraandhala 5, 2024

Murni bilxiginnaa badiif qarree irra marmaaraa jiru gochoota badii adda adda dalaguun uummata harka kennachiisuuf gochoota akka ajjeechaa jumlaa, hidhaa saamichaa fi qe’ee irraa buqqisuu irratti hojjechaa jiru.

Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 3, 2024 baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti hidhattootni sirnichaa sababa tokko malee maqaa siyaasaan yakkuun dargaggoo maqaan isaa Darajjee Jaadoo jedhamu bakka daandii Baqalee Girrisaa jedhamutti ajjeesanii gatuu maddeen magaalichaa himan.

Akkasuma milishootni sirnichaa dunkaana namootaa irra deemuun namoota bilbila chaarjeessaniin hawaasa baadiyyaa irraa dhufaniif hin chaarjeessinaa jechuun akeekkachiisa jabaa itti kennuus maddeen kun dabaluun ibsaniiru.

Akka jiraattotni tokko tokko jedhanitti hawaasa baadiyyaa fi magaalaa jidduutti garaagaltee uumuuf shira sirnichi qabatee ittiin gadi ba’e waan ta’eef hawaasichi shira isaanii kanaan goyyoomuu akka hin qabnes dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading