• Sat. Mar 14th, 2026

Balaan ibiddaa Chiilii keessatti erga kirkira lafaa bara 2010 mudateen booda mudateen lubbuu namoota 112 galaafate

Feb 5, 2024

ONM-ABO Guraandhala 5, 2024

Giddugaleessaa Chiilii keessatti namoonni ibidda dhaamsan Dilbata kaleessaa ibidda bosonaa hamaa hanga ammaatti namoota 112 ajjeesee fi naannoo guutuu diige dhaamsuuf tattafachaa kan turan yoo ta’u, Pirezidaantii Chiilii Gabri’eel Booriik biyyattii ”balaa guddaan” akka mudatu akeekkachiisaniiru.

Namoonni dhibbaan lakkaa’aman ammallee achi buuteen isaanii dhabamuu isaanii qondaaltonni himuun, kunis reeffa dabalataa tulluu fi manneen ibidda bosonaatiin barbadaa’an irratti keessatti argamaniif lakkoofsi namoota du’anii dabaluu itti fufa jechuun sodaa qaban ibsaa jiru.

Ibiddi Jimaata darbe humnaan walitti qabame amma qarqara alaa Vina del Mar fi Valparaiso, magaalota qarqara galaanaa lama tuuristoonni jaal’atan balaadhaaf saaxilee jira.

Mul’anni diroonii Rooyitars naannoo Viinaa del Maar keessatti waraabe naannoo guutuun gubachuu kan agarsiisu yoo ta’u, jiraattonni manneen gubatanii fi foddaan sibiilaa jijjige keessa sakatta’aa jiru.

“Qilleensi hamaa ture, ho’i ni guba ture. Boqonnaan hin turre. Namoonni bakka hundatti faffaca’aniiru,” jedha ogeessi ijaarsaa naannoo Valparaiso keessa jiru Peedroo Kuweezadaan, caccabaa mana isaa gubate diigame gidduutti dhaabatee.
Viidiyoonni miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman akka agarsiisanitti, ibiddi tulluu naannoo Valparaiso keessatti mana jireenyaa dhiyootti gubatee qilleensa keessaa aarri dhangala’aa jiruudha.

Angawoonni Chiilii sagantaa sa’aatii 9 p.m. tti naannoo balaan guddaan itti mudatetti sochii dhorkuu fi waraana erguun namoonni ibidda dhaamsan babal’ina ibiddaa akka dhorkan gargaaru, helikooptaroonni ammoo bishaan firfirsuun abidda qilleensa keessaa dhaamsuuf yaalaniiru.

Tajaajilli Fayyaa Seeraa Chiilii, qorataan du’aa mootummaa akka beeksisetti, balaa ibiddaa kanaan namoonni 112 du’aniiru. Ragaan ammaa kun osoo hin baane Sanbata darbe lakkoofsi namoota du’anii 51 ture.

Jalqaba guyyaa sanaa Boorik Wiixata har’aa irraa eegalee guyyoota lamaaf gadda biyyoolessaa akka ta’u kan beeksisan yoo ta’u, Chiiliin oduu gadhee dabalataaf of qopheessuu qabdi jedhan.

Itti aanaan Ministira Biyya Keessaa Maanu’eel Monsalve Dilbata kaleessaa akka jedhanitti, guutuu Chiilii keessatti ibiddi 165 kan ka’e yoo ta’u, naannoo Vina del Mar fi Quilpué qofatti manneen gara 14,000 ta’an miidhameera.

Namoonni gara mana isaanii isa diigameetti deebiʼan, baayʼeen isaanii qabeenya umurii isaanii guutuu dhabaniiru jechuun ni dandaʼama.

Yeroo ganna Hemisfeera Kibbaatti ibiddi bosona ka’uun waan hin baratamne ta’uu baatus, du’a ibiddaa kanaa adda ta’ee kan mul’atu yoo ta’u, erga kirkira lafaa bara 2010 mudateen namoonni gara 500 ta’an du’anii booda kun balaa biyyaalessaa biyyattii keessatti isa hamaa taasiseera.

Bara darbe ho’a rikardii ta’een kan ka’e namoonni gara 27 kan du’an yoo ta’u, lafti hektaara 400,000 ol miidhameera.

“Waliin jirra, hundi keenya, yeroo muddamaa lolaa jirra. Dursi lubbuu baraaruudha,” jedhanii Pirezidaantiin Chiilii Booriik dubbachuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading