• Sun. Nov 22nd, 2026

Walgahii Idilee 14ffaa MMBBU irratti beelaan namni du’e hin jiru, hongeetu jira malee

Feb 6, 2024

ONM-ABO Guraandhala 6, 2024

Walgahii Idilee 14ffaa MMBBU irratti beelaan namni du’e hin jiru, hongeetu jira malee jechuun haasaa qondaaltonni isaa dubbachaa turan jabeessuun kan Geetaachoo Raddaa fi dhugaa Tigraay keessa jiru ukkaamsee darbe.

Waltajjii Mana Maree Bakka Butoota uummata irratti Adwaan warreen garbummaa balfaniif fakkeenya jechuun uummata impaayerattii kan tokkomsee dha, mallattoo idaa’amuti jedhe.

Haa ta’u malee Adwaan Oromoof maalii? Oromoon ofii cabaa, garbummaa jalatti kufee, Aanolee fi Calanqootti duguggaa sanyii akkasumas yakki namoomaa irratti raawwatee, bilisummaa fi walabummaan isaa sarbamee, warreen saba isaanii garboomsanii alagaa waliin duulan waan maqaan akkasumas dhalootaan Oromoo ta’aniif qofa Adwaan Oromoof bu’aadha, mallattoo dha jechuun seenaa Oromoo keessa ture dagachuu dha.

Leave a Reply