• Fri. Nov 27th, 2026

Oolmaa Paarlaamaa idilee 14ffaa kanaan Abiy Ahimed rakkoo impaayerattiin karaa siyaasaa keessa seente furuuf ammas maqaa olaantummaa seeraa kabcahiisnaa lola akka itti fufu dubbachuun namootni harka maradhaa taa’aa nun jedhaniif hin teenyu jedhe

Feb 6, 2024

ONM-ABO Guraandhala 6, 2024

Oolmaa Paarlaamaa idilee 14ffaa kanaan Abiy Ahimed rakkoo impaayerattiin karaa siyaasaa keessa seente furuuf ammas maqaa olaantummaa seeraa kabcahiisnaa lola akka itti fufu dubbachuun namootni harka maradhaa taa’aa nun jedhaniif hin teenyu jedhe.

Kana malees qawween furmaatni dhufuu hin jiru mareen malee jedhus, mareen isaan barbaadan maqaa heera impaayerattii kabajaa seenaa jedhuun duuba aadaa siyaasa impaayerattiin mormitoota ukkaamfamanii ta’an ibsa hin goone.

Sababa ABO-WBOn araara sobaa bilxiginnaan dhiyaatu irratti walii hin galle hin dubbanne.

Balballi keenya nagaaf banaadha jedhanis, balbala akkamiiti kan jedhu, kan garaagarummaa ilaalchaa jiru furuu danda’u jedhamu irratti yaada hin keenye.

Leave a Reply