• Thu. Nov 26th, 2026

Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti hidhattootni sirnichaa dargaggoo tokko yoo madeessan aanaa Dugdaatti ammoo namoota karaa irratti buna gurgurachuun jiraatan manneen isaanii irratti diigun beekame

Feb 7, 2024

ONM-ABO Guraandhala 7, 2024

Uummanni Oromoo qe’ee abbaa isaa irratti akkatti hidhattoota koloneel Abiy Ahimediifuu nagaan jiraatu dhabuun rakkina hamaa keessatti kufuun akkasuma lubbuun namaa hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun guyyaa guyyaan bakkeetti dhiigni qulqullootaa dhangala’aa oola.

Akkasuma bara bulchiinsa bilxiginnaa keessa namoonni hojii hojjetan hanga humna isaaniitin waa hojjetatanii jiraachuun rakkisaa ta’uun egereen sabichaas yaaddessuu ibsan.

Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Keenterii jedhamu keessatti gaafa Guraandhala 1, 2024 hidhattootni sirnichaa maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhamuun dargaggoo maqaan isaa Siraaj Huseen jedhamu rasaasan tumanii erga ajjeefne jedhanii biraa deemaniin booda maatiin mana yaalaa dhoksaan geeffatanii akka jiran maddeen bakkichaa ONMf ibsaniiru.

Dargaggoon rukutame kun yeroof yaalamaa kan jiru yoo ta’u haalli inni keessa jiruus yaadeessaa ta’uu dabaluun ibsaniiru.

Namoonni manni isaanii jalaa diigame kun biddeen isaanii waan ta’eef yeroo ammaas maatii isaanii waliin rakkoo hamtuuf saaxilamanii jiraachuu maddeen ibsaniiru.

Godinichuma aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti namoota qarqara karaatti kenddaa ijaarachuun buna gurgurachuun ofii maatii isaanii jiraachisan mana isaanii irratti diiguun bakkichaa ari’uu maddeen magaalichaa dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply