ONM-ABO Guraandhala 7, 2024
Tapha siyaasaa murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti taphachaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti karaa icciitawaa ta’een dabalaa deemun hawaasni Oromoo bakkeewwan hedduutti shira siyaasa isaaniin lubbuu fi qabeenya isaa dhabuun osoo qotee fi horee qabu Oromiyaa bakkeewwan hedduutti rakkoo ulfaataa keessatti kufanii harka namaa ilaaluf dirqamanii jiru.
Akka odeessi godinicharraa ONM qaqqabetti guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 6, 2024 hidhattoota sabaan Shinaashaa,Gumuzii fi Amaaraa ta’an magaalaa Barbar keessatti mariisiisaa turuun sa’a sana irraa kaasuun uummata Oromoo ajjjeesuu, qe’ee irraa buqqisuu fi qabeenya isaa saamun akka uummatichi buqqa’u gochuuf mari’achaa turuu ibsan.
Uummata Oromoo godinichaa irratti ajjeechaa, saamichi fi buqqaatiin haaraa ta’uu baatus aanaa Dibaax keessatti ajjeechaan torbanoota darban uummata nagaa irratti geggeefame akeektu kaayyoo isaanii kanaa ta’uunis kan beekamuudha.
Akka maddeen bakkichaa jedhanittis uummanni Oromoo waan qabuun qophii ta’uu fi akkasuma tokkummaa isaa lafa jirutti jabeeffachuu akka qabus dhaamaniiru.


