• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti namoota hojiif deeman qabanii dhabamsiisuun hammaate

Feb 8, 2024

ONM-ABO Guraandhala 7, 2024

Aanaa Jimma Horroo ganda Kaabbaatii Gara Gidaamii Shaqqalaatti ilmaan Oromoo hojii buna funaananii qarshii argachuuf deemaa turan waraanni bilxiginnaa ergama Waraana Bilisummaa Oromoof deemtu jechuun qabanii bakki isaan buusan hin beekamin jira.
Namootni kunis maqaan isaanii Booruu Yoonaas fi Raamataa Tarfaasaa jedhamanii dha.

Namootni kun kan qabaman magaalaa Gidaamii keessatti guyyaa sadii dura yoo ta’u, isaan waliin namootni hedduun qabamanii turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply