ONM-ABO Guraandhala 8, 2024 Waraanni faashistii PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Kutaallaa Kussii jedhamu keessaa jiraataa obbo Imaanee Nagawoo kaleessa Guraandhala 7, 2024 ganda Anbaalloo bakka addaa Oomee jedhamu lafa qonnaa isaatii qabuun dararaa erga turaniin booda har’a Guraandhala 8 ajjeesan.
Obbo Imaaneen hojjetaa wangeelaa ta’uun ala badii tokko illee akka hin qabne kan nuuf himan jiraattotni, waraana maafi’aa PPn ganda Anbaalloo keessatti rasaasaan rukutuun ajjeesaniiru.
Aanuma kana keessattis hidhaa fi saamichi hamaan waraana Abiy Ahimediin raawwatus jabaa ta’u dabaluun ibsaniiru.
