• Tue. Jan 13th, 2026

Finfinnee bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Laga Xaafoo keessatti weellistoota lamaa fi shubbistootni 15n humnoota waraana PPn hidhamuun himame

Feb 9, 2024

ONM- ABO Guraandhala 9, 2024

Impaayera Itoophiyaa keessatti kabajni mirga namoomaa dhibuun namootni ijaaf gurra saba isaanii ta’aanii miidhama lammiilee isaanii dubbatan gaaffii seeraa tokko malee manneen hidhaa keessatti rakkoof saaxilamanii jiran danuu akka ta’aantu dubbatama.

Akkuma kanaanis baatii darbe keessa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Laga Xaafoo Danbaliitti weellistoota lama kan maqaan isaanii Feeyisal Abduramaan fi Cimdeessaa Ayyalaa jedhaman dabalatee shubbistoota 15n qabuun hanga ammaatti hidhanii dararaa jiraachuun beekameera.

Dabalataanis guyyaa weellistootaa fi shubbistoota kanneen qabanis meeshaalee isaan hojii aartii itti hojjetan jalaa saamuun akka deeman dabaluun maddeen dubbatu.

Bilxiginnaan kabajaa fi jaalala namummaa kan hin qabne namoota uummatni Oromoo abdii godhachuun of-duratti ilaalu impaayera Itoophiyaa keessatti hidhee dararuun cinatti weellistoota danuu kanneen akka Taamiraat Tolasaa fi Sayid Awwal dabalatee waggootaf bakkeewwan dhoksaatti hidhuun dararaa akka jiru ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading