• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti saamichi waraana maafi’aa PPn adeemsifamaa jiraachuun barame

Feb 10, 2024

ONM-ABO Guraandhala 10, 2024

Oromiyaan qabeenyaan ishee uumamaan badhaatuu fi dachee eebbifamtuu Kan taate erga gaafa kolonii Habashootaan qabamtee kaasee, koloneffattoota Habashaan saamamaa har’a kan geesse haa ta’u iyyuu malee, garuu gochi bulchiinsa Koloneel Ahimed taasisaa jiru ammoo kan duraarra haalaan jabaatee mul’achaa jira.

Akkuma kanaanis Amajjii 9, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Laga Horaa jedhamutti sochii gochuun waraanni PP fi milshootni hawaasa nagaa jireenya isaa fooyyeeffachuuf guyyuu carraaqu, doorsisa guddaa irratti taasisuun WBO ni nyaachistu waan ta’eef nuun ammoo maallaqa isin gaafanne yeroo isin gaafannetti fidaa jedhanii manneen jiraattotaa irra deemuun qarshii 2360 irraa guuraa akka turan himame.

Gamtokkoon humnoota hidhatee socho’uu naannoo Beenishaangul Gumuz irraa gara aanaa Saasiggaatti bobbaasuun ajjeechaa raawwachisuu fi namoota ukkaamsisuu irratti kan argamu murni bilxiginnaa dabalataanis milishoota qabu gandoota baadiyyaa Keessa bobbaasee ajjeechaa raawwachisuun sirnichaa sanyii duguuggaa Oromoo irratti raawwachuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamaa jiruudha Jechuun jiraattotni dubbatu.

Leave a Reply