• Wed. Nov 25th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Sulultaa keessatti namni tokko waraana PP’n ajjeefamuu fi namootni hedduun hidhamuun beekame

Feb 10, 2024

ONM-ABO Guraandhala 10, 2024

Duulli ajjeechaa fi hidhaa ilmaan Oromoo irratti murna bilxiginnaan labsamee jiru yeroo ammaa Oromiyaa kutaalee hundaattii babal’atee bulchiinsa magaalaa Finfinneetti dhihoo kan taate aanaa Sulultaa magaalaa Darbaa keessatti Kamisa dheengadda Guraandhala 8, 2024 nama tokko ajjeesuun himame.

Dargaggoon ajjeefame kunis maqaan isaa Turaa Moosisaa Kan jedhamu waraanni faashistii PP bakka abbaa fi haati isaa jiranitti situ WBO magaalaa keenya seensise jechuun osoo maatiin bo’anii kadhatanii yakka tokko malee nama nagaa rasaasaa itti roobsuun ajjeesanii akka gatan jiraattotni himan.

Oduu biraatiin ammoo jiraattota magaalaa Kaanterii (mogor) obboo Mangistuu Alamuu, shamarree Chichimuu Dajanee fi Mummuunee Tanaanyee, Damisee Abbabaa, Taaddalaa Baqqalaa fi Badhaadhaa Gowwee jedhaman mooraa Darbaa bakka Abaaboo jedhamee waamamutti hidhanii jiru.

Dabalataanis Waldee Girmaa, Iyyaruus Zawudee, Badhaanee Sarxuu mooraa Meedirook keessatti kan hidhamanii jiran kunneen hojjettoota warshaa Meedirook akka ta’aanis beekameera.

Leave a Reply