ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo of dura qabanii saamicha raawwachaa kan jiran murni bilxiginnaa, yeroo ammaas Oromiyaa keessatti maqaa WBO madda galii olaanaa ta’uufiin saamicha daangaa hin qabne hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiru.
Uummata qaala’iinsa jireenyaafuu akkatti jiraatu dhabee rakkachaa jirutti maqaa WBO fayyadamuun kaabinoonni akkasuma hidhattootni sirnichaa kunneen hawaasa saamaa kan jiran yoo ta’u, Harargee lixaa aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Jannataa ganda Haranfamaa keessatti gaafa Guraandhala 7, 2024 nama maqaan isaa Abdullaayi jedhamu miseensa WBOti jechuun qabanii guyyootaaf mana hidhaa erga tursiisaniin booda qarshii kuma shan (5000) irraa fudhachuun akka gadi lakkisan ibsan.
Akkasuma Aliyyii Abdullee kan jedhamus maqaa ilaalcha WBO qabduutiin hidhanii akka jiranii fi isas hanguma inni maallaqa jedhame kana kaffalee ba’utti qofa kan eeganiidhas jedhan.
Namoonni kunneen WBO naannoo isaaniitti arganii kan hin beekne jechuun, kaabinoonnii fi poolisiin idilee sirnichaa tooftaa ittiin saamicha geggeessuuf qabatanii ba’aan jechuun dabaluun addeessaniiru.





