ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Uummatni Oromoo sirnoota dhufaa darbaan gidiraa hamtuu keessummeessaa kan as ga’e yoo ta’u, yeroo ammaas murna bilxiginnaa abjuu abboota isaanii Minilik milkeessuuf dhama’aa jiraniin ajjeefamaa, hidhamaa, saamamaa fi qe’ee irraa ari’amuun jireenya gadadoof saaxilamaa jiru.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti gaafa guraandhala 8, 2024 hidhattootni sirnichaa ganda Qoraasumaa keessatti hawaasa nagaa akka goolaniif bobbaafaman, namoota nagaa reebicha ulfaataa irratti raawwachuunii fi qabeenyaa, jalaa saamuun isaanis hidhan.
Namootni hidhaman kunneen qonnaan bultoota yoo ta’an maqaa deeggertoota Waraana Bilisummaa Oromootii fi WBO naannoo kana fiddanii nu rukuchiisaa jirtu jedhuun yakka tokko malee manaa fi ooyiruu isaanii keessaa qabaman kanneen muraasni, maqaa arganne Yesuf Bashiri fi Umar Bashiir obbolaa, Bashiir Ahimed, Huseen Ahimee, Siraaj Ahimuu, fi Huseen Ahimuu obbolaa ta’uu himuun, Haadha maatii kan taate Kadijjaa Imaam, mucaa waggaa tokko waliin hidhanii jiraachuus maddeen kun dabaluun dubbatu.
Warroota hidhaman kanas maallaqa, bilbiloota harkaa fi Warqee jalaa saamuu jiraattotni kan dubbatan, waraanni faashistii PP kun, erga namoota hidhanii boodas, ganda Qoraasumaa kana keessaa hawaasa ari’uun namoontni mana isaanii gadhiisuun jiruu bakkeef saaxilamanii muka jala bulaa akka jiran, ONM odeeffateera.





