ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Murni afaan qawweetti amanu Bilxiginnaan namoota nagaa siyaasa kootti bu’an jechuun ajjeechaa hanga hidhaa dabalatee manneen amantaa illee gubuun gochoota sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachuu itti fufee jira.
Murni ajjeechaan uummata jiilchuu karoora isaa isa ijoo godhachuun waraana hedduuminaan leenjisuun bobbaase kun kibba lixa Shaggar aanaa Daawoo ganda Qancaraa Aliitoo keessatti gaafa Guraandhala 7, 2024 dargaggoo Geetuu Addunyaa jedhamu deggaraa WBOti jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni gandichaa ONMtti himaniiru.
Reeffi dargaggoo kanaas akka hin awwaalamne hawaasa dhorkaa turuu fi akkuma aadaa Oromootti nama beekan mitii karaa deeman tokkoyyuu yoo du’e hawaasni walitti dhufee ni awwaala waan ta’eef hawaasni gandichaas akka waaqaatti hidhattoota kana kadhachuun akka awwaalan ibsan.
Gandichuma keessaa sa’aatuma wal fakkaataatti Doshoree Margaa, Daanyee Asaffaa, Ayyalaa Kumaa fi Bayyanaa Geechoo warreen jedhaman reebicha ulfaataa irratti raawwachuun mana hidhaatti naqanii dararaa jiraachuu jiraattonni himan.
Aanichuma magaalaa Biifolee keessatti akkuma bartee isaanii mana amantaa Ortodoksii Garbeelii jedhamu gubanii barbadeessuu jiraattotni dabaluun ifoomsaniiru.


