ONM-ABO Guraandhala 11, 2024
Kaadhimamaa irra caalaan isaanii paartii siyaasaa Muummicha Ministeeraa duraanii Imraan Kaan kan mana hidhaa jiru waliin hidhata qaban, bu’aa filannoo komishiniin filannoo Paakistaan Dilbata har’aa filannoo waliigalaa Guraandhala 8 ifoomseeen teessoo baay’ee argataniiru.
Warri walaba ta’an teessoo 101 kan argatan yoo ta’u, itti aansuunis MM duraanii Nawaaz Shariif kan Nawaz- Liigii Musliimota Paakistaan (PML-N) 75 yoo injifatu, Bilawal Bhutto Zardari Paartiin Uummata Paakistaan ammoo teessoo 55 argachuu danda’eera.
Filannoon buufata filannoo lamatti sababa du’a kaadhimamaa tokkoo, fi filannoon guutuu dhabuun booda irra akka gaggeeffamu himameera.
Paartiin tokko sagalee caalmaa salphaadhaan mootummaa ijaaruuf mana maree biyyoolessaa miseensota 336 qabu keessaa teessoo 169 barbaada jechuun Anaadooluun gabaaseera.
