ONM-ABO Guraandhala 12, 2024
Murni bilxiginnaa Oromoo cabsuuf humna alagaa irraa gargaarsa karaa hundaa argachuun meeshaa qabuun itti duulee sanyii duguuggaa raawwachaa osoo jiruu gochaan isaa garaa ga’uu didnaan dinagdeen dadhabsiisuuf waraana itti bobbaasee qabeenyaa saamuu jabeessee jira.
Haaluma kanaanis Amajjii 9, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda Saqalaajjee bakka addaa Biqilee jedhamutti waraanni faashistii PP qabeenyaa qonnaan bultootaa Boqqolloo kuntaala 360 fe’achuun gara aanaatti akka deeman jiraattotni himan.
Abbootiin jalaa saamames maqaan isaanii obbo Badhaasaa Sanbatoo kuntaala 170, obbo Lammaa Guddinaa Kuntaala 95, fi obbo Namoomsaa Olaanii kuntaala 100 jalaa saamanii gara aanaatti akka galan Jiraattotni kan himan yoo ta’u, bulchaa aanichaa obbo Faqqadaa Galataa namni jedhamu raawwachisuun dhuunfaa isaaf akka oolfates dabaluun himaniiru.


