ONM-ABO Guraandhala 13, 2024
Gareen humnaan saamee jiraachuu bare bilxiginnaan qonnaan bultoota humna qabuun waraana itti bobbaasee qe’ee fi qabeenyaa horatanii jiraatan keessaa yakka tokko malee maqaa isin WBO waliin hariiroo qabdu jedhuutiin manneen hidhaatti naqee hiraarsuu jabeessee jira.
Akkuma kanaanis Guraandhala 11, 2024 godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa buufata 5ffaa ganda Waldaa jaalalaa jedhamuun waamamu keessatti namoota maqaan isaanii Ibsaa Mohaammed, Adam Abdallaa, Mohaammed Umar fi Abdoo Aliyyii jedhaman milishootnii fi waraanni maafi’aa PP waliin ta’uun reebicha erga irratti taasisaniin booda qabanii hidhanii akka jiran dubbatu.
Akka jiraattotni jedhanitti namootni hidhaman kunneen siyaasa Kam irraa iyyuu namoota walaba ta’aanii jireenya dhuunfaa isaanii jiraachuuf guyyuu tattaafatanii bulan malee deggeraa qaama kamii akka hin taanes itti dabaluun himaniiru.

