• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti saamichi qabeenyaa hawaasa irratti jabaate

Feb 14, 2024

ONM-ABO Guraandhala 14, 2024

Murni bilxiginnaa rakkoo dinagdee impaayera Itoophiyaa mudatee jiruun yaaddoo guddaa keessa seenee kan jiru hawaasa nagaa maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggerta jedhu of dura qabee saamicha irratti taasisu jabeessee jira.

Akkuma kanaanis godina lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Barakaa keessatti caasaan murna bilxiginnaa milishaa fi humni addaa waliin qindaa’uun Guraandhala 9, 2024 jiraattota irraa qarshii 3500 harkaa guuraa akka turan himan.

Dabalaataanis rakkoon aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti adeemsifamaa jiru saamichaa fi qe’ee irraa namoota godaansisuun cinatti qonnaan bultoota maallaqa waraanni maafi’aa PP gaafatan kaffaluu dadhabanis hidhaan hiraarsaa akka jiran dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading