ONM-ABO Guraandhala 16, 2024
Waraanni maafi’aa PP qabeenya hawaasa nagaa saamuuf jecha namoota nagaa tuttuqaa siyaasaa kam irraa bilisa ta’aan maqaa isaan hin qabneen hadheessee hidhuu, saamuu fi manneen irratti gubuun maatii hedduu rakkoof saaxilee jira
Akkuma kanaanis Guraandhala 13, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa bulchinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa waraanni PP barii barraaqaan gara ganda Buundii Daallee jedhamuutti sochii taasisuun hawaasa goolaa erga turaniin boodas gara ganda Buukee akkachee jedhamuutti ol deebi’uun qabeenya hawaasaa dunkaanotaa fi maallaqa saamuun dargaggoo maqaan isaa Fufii Alamuu Bayyanaa jedhamus qabuun aanaatti hidhanii jiraachuun beekameera.
Qabeenyaan saamames dhugaatii miriindaa, Saamunaa, madaala hangaa, koshooroo fi kanneen kana fakkaatu Kan of Keessaa qabu yoo ta’u, namoota qabeenyi kun jalaa saamames maqaan isaaniii obbo Abiraam Mokonnon, Abirahaam Hundeessaa fi obbo Magarsaa Ayyaanaa Akka ta’e jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
