• Wed. Nov 25th, 2026

Murni bilxiginnaa leenjii barsiisotaa mata duree seenaa fi Seenessa, sabboonummaa qeenxee fi waloo jedhuun siyaasaa isaanii barsiisaa jiraachuun beekame

Feb 16, 2024

ONM-ABO Guraandhala 16, 2024

Wal-gayiin guutuu Oromiyaa keessatti murna bilxiginnaan adeemsifamaa jiru mata duree seenaa fi Seenessa sabboonummaa qeenxee fi waloo jedhuun taasifamaa jiraachuu hirmaataan wal-tajji PP tokko akka nuuf himetti, wal-tajjiin ta’aama jiru hojii baruuf barsiisuu waliin kan wal ilaallatu miti Jechuun dubbata.

Rakkoo Oromoo fi Oromiyaatti furmaata goona jechaa siyaasa oofaa akka jiran kan himamu, hirmaattotni hundi dirqiin akka yaada kennan taasisuu fi xumura irrattis gaaffiilee hirmaattotni kaasaniif deebii hin kennine.

Walumaa galatti xiyyeeffannoon murni bilxiginnaa taasisaa jiru qabsoo uummata Oromoo fi Itoophiyaa Keessatti shoora ba’aannaan barsiisotaa xiqqaadha, barattoota ijaaruun bilxiginnaa faana hiriirsaa jechuunis dirqisiisaa akka jiranis dabaluun himeera.

Gaaffiileen gama hirmaattotaarraa dhiyaate Keessaa muraasni kan nu ga’e uummanni Oromoo akka dinagdeedhaan hin guddanne maaltu godhe? tarkaanfiin hiyyummaa Keessaa ba’uuf mootummaan fudhate ni jiraa ? Osoo nageenyi amansiisaan hin dhufin misooma fiduun ni danda’aamaa? maddi hiyyummaa uummata moo mootummaadha? uummanni Oromoo Kan hiyyoome aadaa hojii cimaa, beekumsaa fi qabeenya qabutti fayyadamuu Wallaaleetii? mootummaan maaliif qabeenya Oromoon qabu irratti Karoora baasee Oromiyaa maaliif misoomsuu dadhabee? Oromoon osoo qabeenya uumamaa namtolchee fi qilleensa mijataa osoo qabuu maaliif Beela’aa fi kanneen kana fakkaatan hirmaattota irraa ka’aa turuun gama bilxiginnaan deebii hin kennamin jiraachuu ONM odeeffateera.

Leave a Reply