ONM-ABO Guraandhala 17, 2024
Jaappaan rookkeettii dhaloota itti aanuu yaalii marsaa lama fashalaa’een booda gara orbiitiitti milkaa’inaan furguggisuu, dhaabbati hawaa biyyattii beeksiseera.
Rookkeettiin H3 Sanbata har’aa sa’a Tookiyoo ganama sa’a 9:22am (12:22 GMT)tti “ka’umsa milkaa’aa” kan geggeesse yoo ta’u, saatalaayitii fakkeessaa fi maaykiroo saatalaayitii lama hojiirra jiran qabatee orbiiti karoorfame seene jechuun Ejensiin Qorannoo Aerospace Jaappaan (JAXA)n tamsaasa kallattiin taasiseen ibseera.
Hojjettoonni wiirtuu ajaja Ejensii Qorannoo Aerospace Jaappaan yeroo tamsaasa kanaatti rookkeettiin kun daandii isaa irra ga’ee fe’umsa isaa isa jalqabaa yeroo gadhiisutti gammadanii wal haammataniiru.
Maaykiroosaatalaayitoonni H3’s tattaaffii ittisa balaa gargaaruu fi haala hojii warshaalee hordofu jedhamee eegama.
Ejensiin Qorannoo Aerospace Jaappaan kun Sanbata booda eebba kana irratti ibsa gaazexeessitootaaf kennuuf beellama qaba.
H3n rookkeettii Jaappaan kan socho’aa fi baasii xiqqaa ta’e jedhamee kan kaffalamu yoo ta’u, bara 2001 irraa eegalee tajaajila irra kan ture H-IIA bakka bu’uuf kan qophaa’edha.
Tookiyoon bara 2030tti saatalaayitii fi qorannoowwan gara 20 rookkeettii H3n furguggisuuf akka yaaddu ibsiteetti.
H3’n milkaa’inaan furguggifamuun isaa bara darbe kufaatii walitti aansee mudate hordofee kan dhufe yoo ta’u, kunis baatii Bitootessaa keessa furguggifamuu dadhabee kan xumurame. Kunis erga motorri sadarkaa lammaffaa ibidda qabsiisuu dadhabee booda dho’ee yeroo muraasa booda dalagaa of balleessuu rookkeettii fayyadamuun to’annoo lafaatiin xumurame.
Ejensiin Qorannoo Aerospace Jaappaan gamaaggama furguggifama kana booda taasifameen dogoggora elektirikii sadii adda baasee ture, garuu sababa kallattiin kufaatii kanaa murteessuu hin dandeenye, kunis karoora hawaa isaa irratti harkifannaa guddaa fideera.
Jaappaan ji’a darbe qorannoo nama maleessa SLIM jedhamtu ji’a irratti milkaa’inaan kan buuste yoo ta’u, biyya doonii hojii harkaa ji’a irratti keesse 5ffaa taateetti jechuun Aljazeeraan gabaaseera.







