ONM-ABO Guraandhala 17, 2024
Gara jabeenyaa fi hammeenya waraanni abbaa irree koloneel Abiy Ahimed uummata Oromoo irratti raawwachaa jiran guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemuun, saamicha, ajjeechaa, hidhaa fi qe’een sabichaa gubatee manca’uun duumessi hiyyummaa buufatee jira.
Guyyaa dheengaddaa jechuunis Guraandhala 15, 2023 godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu Ganda Edensa Galaan keessatti loltootni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa ergama nam-tokkee fudhatanii bobba’aan nama Obbo Girmaa Daaksisaa jedhamu jalaa mana kutaa lama qabu, uffata dabalatee mi’a mana keessaa fi midhaan ardaba 40 gubanii barbadeessuu maddeen himan.
Dabalataanis aanichuma ganda Kilbee jedhamu keessaas guyyaa kaleessaa Guraandhala 16, 2023 nama Obbo Daawit Ulfaataa jedhamu jalaa mana lamaa fi obboleessa isaa Atiraf ulfaataa jalaa mana lama akkasumas aadde Zawudee Hirqituu jalaas manni mi’a mana keessaa waliin loltoota PP’n jalaa gubachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.


