ONM-ABO Guraandhala 17, 2024
Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad hoggantoonni Afrikaa gochoota nagaa fi tasgabbii miidhan guutuu ardii kanaa keessatti mul’achaa jiran akka ittisan dhaamaniiru.
Preezidaant Mohaammad Sanbata har’aa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru irratti haasawa taasisaniin, Itiyoophiyaan tibbana waliin jireenya naannoo Somaaliyaa, keessattuu Waliigaltee Somaaliyaandi waliin mallatteesseen cabsuun ishee fudhatama kan hin qabne ta’uu irra deebi’anii ibsaniiru.
Preezidaant Mohaammad tarkaanfiin kun seera idil-addunyaa fi Afrikaa kan cabsuu jechuun ibsaniiru. Biyyoonni miseensa Gamtaa Afrikaa dhimmoota Afrikaa mudatan furuuf tarsiimoo bu’a qabeessa ta’e uumuuf akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.
Akka yaadannoo waliigaltee Amajjii 1 mallattaa’eetti, Itoophiyaan walabummaa Somaalilaandiif beekamtii kennuudhaan Galaana Diimaa qaqqabuuf, lafa Soomaalilaand irraa liiziin fudhachuun buufata doonii daldalaa fi waraanaaf akka oolfattutu dubbatame.
Somaaliyaanis walii galtee kana cimsitee mormuun, akka hojii irra hin oolle labsitee, Itoophiyaa irraa ambaasaaddara ishee waamtee jirti.
Ergamaan addaa U.S. kan gaanfa Afrikaa, Mike Hammer, waliigalteen kun nageenya naannichaa daran miidhuuf sodaachisaa akka ta’ee fi hidhattootni Al Shabaab itti fayyadamuu akka danda’an ibsaniiru.
