ONM-ABO Guraandhala 20, 2024
Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irratti kabaja namummaa dhorkachuun, sabaaf sablammoota impaayerattii keessa jiraatan irratti kakaasuun ajandaa siyaasaa jijjiiruuf yaalus kan isaaf hin milkoofne, yeroo ammaa kanas lixa Oromiyaa aanaa Sadan Canqaa keessatti walitti bu’iinsi mul’achaa akka jiru jiraattotni dubbatu.
Akka jiraattotni jedhanitti baroota mootolii darbanii kaasee faarsitootni sirna Minilik Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessa qubatanii kan Jiran, yeroo haalli isaaniif mijachuu baatus lola garaagaraa Oromoo irratti kaasuun lubbuu baasuu kan baran, godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa ganda Qeexoo jedhamutti rakkoo gurguddaa uumaa jirus jedhu.
Akkuma kanaanis lafa irra qubatanii jiran baatilee 3n darbe keessa gurguratanii akka waan galaniitti deemuun boodarra ammoo kaadiroota murna PP waliin ta’uun of duuba deebi’anii lafa ilmaan Oromoo harka jiru irraa ari’aa jiraachuun beekameera.
Kaayyoon murni PP gochoota hammeenyaa kana hojjechiisaa jiruufis, siyaasa harkatti badeef gara boqonnaa haaraatti of deebisuuf akka ta’es jiraattotni itti siqeenyaan rakkicha hubatan Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.



