• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Jimmaa aanaa Mannaa keessatti hidhaa fi dararaan hammaachuu jiraattotni dubbatu

Feb 20, 2024

ONM-ABO Guraandhala 20, 2024

Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun yakkamanii qabamanii hidhamaa, ajjeefamaa, qe’eef qabeenyi isaanii gubatee manca’uun biyya dhaloota isaaniirraa godaansifamaa jiru.

Haaluma kanaanis Godina Jimmaa aanaa Mannaa ganda Se’ee Boontuu keessatti namootni hedduun sochii waraana bilisummaa Oromoo harka lafa jalaatiin quba qabdu jedhamuun hidhamaa jiraachuu fi gandichuma keessatti namoota maqaan isaanii Abdii Xahaa fi Abdoo Abbaa Fiixaa jedhaman dabalatee namootni maqaan nun ga’in danuun torban darbe keessa qabamanii hidhamuun hiraarfamaa jiraachuun himame.

Akka jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti bulchaan ganda Se’ee Boontuu maqaan isaa Awwal Abbaa Bulguu jedhamu isintu WBO dhoksee ganda keenya keessa sochoosaa jira jechuun jiraattota walga’ii baasee doorsisaa jiraachuu fi gariin ammoo mana hidhaatti funaansisee hiraarsaa jiraachuun beekameera.

Leave a Reply