• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan magaalaa Ijaajjii keessatti dargaggoon tokko waraana Abiy Ahimediin ajjeefame

Feb 20, 2024

ONM-ABO Guraandhala 20, 2024

Oromiyaa keessatti lubbuun namootaa murna bilxiginnaa biratti hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun bakkeewwan hedduutti gochaa isaanii malee mana murtiitti osoo hin dhihaatin ajaja mana murtii malee rasaasaan waadamaa oolu.

Dargaggoo Dirribaa Tafarii kan jedhamu hojii rifeensa sirreessuun lixa Shaggar aanaa Iluu magaalaa Ijaajjii keessa kan jiraatu guyyaa dheengaddaa halkan Guraandhala 18,2024 mana isaatii gadi baasuun rasaasaan tumanii ajjeesuu jiraattotni ibsan.

Dargaggoon kun hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’ee maallaqa achirraa argatuun kan of jiraachisu yoo ta’u, nama siyaasa irraa bilisaa ta’e jechuun, Oromummaa isaa qofaaf yakkanii karaatti hambisan jechuunis dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply