• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti tarkaanfii waraana PP irratti fudhate

Feb 20, 2024

ONM-ABO Guraandhala 20, 2024

Tarkaanfiin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootiin waraana weerartuu PP irratti fudhatamu guutuu Oromiyaa keessatti jabaatee jira.

Haaluma kanaan korommiiwwan WBO kaleessa Guraandhala 19, 2024 godina Baha Shaggar ona Fantaallee keessatti cibraan Gadaa Shanan buttaa Hundee Dooyyoo muraasni 1 ffaa fi saddaffaan tarkaanfii guggubduu ganda Dheebitii iddoo addaa bakka Haroo Hubaa jedhamtutti guyyaa keessaa sa’a 7:35 irratti fudhateen loltoota diina harcaasee jira.

Lola hanga sa’a 9:00tti ture kanaan waraana weerartuu maqaa komandoon sakattaaf bobbaate irraa 20 ajjeesuun hedduu madeessee jira. Tikoota waraana ishee 2 lola keessa turanis du’aan adabee jira.

Gama meeshaatin qawwee kilaashi AKM Turkii 4, rasaasa PKM 1116, jorooroo PKM 5, raasaasa dishqaa 59, jorooroo dishqaa 2 hidhannoo mudhii shan fi meeshaalee addaa addaa irraa booji’uun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii godhee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading