• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Yemaaloogii Walal keessatti loltootni PP gubaatii fi saamicha qe’ee namootaa irratti raawwatan

Feb 21, 2024

ONM-ABO Guraandhala 21, 2024

Uummata Oromoo dinagdeen dadhabsiisanii harqoota impaayera Itoophiyaa jalatti kuffisuun sabicha bittaa isaanii jala galfachuuf kutatanii kan ka’aan Murni PP, maqaa garaa garaatiin yakkanii saamicha irratti gaggeessuun, qe’ee isaas ibiddaan mancaasanii harka qullaatti hambisaa jiru.

Haaluma kanaanis Dheengadda Guraandhala 19, 2024 Lixa Oromiyaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Yemaaloogii Walal ganda Loomica Cabal bakka Qorbee Haadha Uggaa jedhamutti nama Malkaamuu Asaffaa jedhamu jalaa mana qorqorroo baallee 40 gubuun, buna keeshaa 2 kan qarshii Kuma sagalitti tilmaamamu, soolaarii 2, boloqqee keeshaa tokko fi qodaa mana keessaa ammoo guutummaatti yoo jalaa guban, haadha manaa isaa immoo jilbeenfachiisuun rasaasa kudhanii ol itti dhukaasanii doorsisaa turuun gabaafame.

Dabalataanis guyyuma kana Obboleessuma Malkaamuu kan ta’e nama maqaan isaa Beekumaa Asaffaa jedhamu jalaa ammoo mana ittoo lukkuu 12 waliin guutummaatti jalaa barbadeessuun, nama Daani’el jedhamu jalaas mana jireenyaa tokko mi’a mana keessaa fi uffata akkasumas midhaan nyaataa kuntaala ja’a waliin waraanni bilxiginnaa kunneen gubanii barbadeessuu gabaasichi addeesseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading