ONM-ABO Guraandhala 21, 2024
Muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Kibxata kaleessaa akka jedhanitti Israa’el kaayyoo ishee galmaan ga’uu isheef waraana Gaazaa irratti gaggeeffamaa jiru dhaabuuf dhiibbaa biyya keessaas ta’e idil-addunyaa kamiifuu harka hin kennitu.
Netaaniyaahuun haasawa waraabame akkaawuntii X isaanii irratti taasisaniin, ”Kaayyoo keenya hunda galmaan gahuu keenya dura waraana kana akka dhaabdu Israa’el irratti dhiibbaan guddaan jira, kunis waliigaltee namoota booji’aman gatii kamiinuu gadhiisuuf godhame dabalatee,” jedhan.
“Gatii kamiyyuu kaffaluuf fedhii hin qabnu, baasii gowwoomsaa Hamaas nu irraa gaafatu hin kenninu, kunis mootummaa Israa’eliif mo’amuu jechuudha,” jedhan.
“Hanga kaayyoon hundi galma ga’utti waraana kana itti fufuuf waadaa seennee jirra, kunis Hamasiin hundee irraa buqqisuu, namoota booji’aman hunda gadhiisuu, Gaazaan kana booda Israa’el irratti balaa akka hin geessisne mirkaneessuu dabalata.”
Maatiin namoota Israa’el booji’amanii turan, Netaaniyaahuun torban darbe jilli Israa’el gara magaalaa guddoo Masrii Kaayirootti akka hin deebine ajajuun waliigaltee booji’amtootaa Hamas waliin gadhiifamuuf marii dabalataa taasisuu hambisuu isaanii qeeqaniiru.
Waraanni Israa’el lammiilee Israa’el lama kibba Gaazaa magaalaa Raafaa keessatti hidhaman bilisa baasuu erga danda’ee booda lammiileen Israa’el 134 Gaazaa keessatti hidhamaniiru jettee amanti.
Wixineen murtii Aljeeriyaan dhiheessite kun Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii keessatti deggarsa bal’aa kan argate yoo ta’u, biyyoonni miseensa isaa 15 keessaa 13 sagalee deggersa kennaniiru.
Israa’el erga Onkoloolessa keessa gareen Falasxiin Hamaas daangaa qaxxaamuree haleellaa raawwateen booda naannoo Gaazaa rukutteetti.
Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwateen lakkoofsi namoota du’anii gara 29,195tti ol guddachuu Ministeerri Fayyaa Falasxiin Kibxata ibseera.
Hanga ammaatti namoonni 69,170 biroo madaa’aniiru.
Lammiileen Gaazaa gara %85 weerara Israa’eliin kan buqqa’aan yoo ta’u, hundi isaanii ammoo wabii nyaataa dhabuu isaanii Mootummootni Gamtoomanii ibseera. Namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman da’oo jireenyaa malee jiraachaa kan jiran siʼa taʼu, konkolaattonni gargaarsaa fidan keessaa walakkaan isaanii naannoo sanatti kan seenan, waldhabdeen kun osoo hin jalqabin dura ture.
Israa’el Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti duguuggaa sanyiitiin himatamtee dhaabbattee jirti. Murtiin yeroo baatii Amajjii keessa darbe Teel Aviiv gocha duguuggaa sanyii akka dhaabduu fi tarkaanfiiwwan gargaarsi namoomaa namoota nagaa Gaazaa keessa jiraniif akka kennamu wabii ta’u akka fudhattu ajajeera jechuun Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.





