ONM-ABO Guraandhala 23, 2024
Godina lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Waacuu Limaay jedhamu keessatti bulchaan gandaa obbo Adam Ibroo fi dhimma nageenyaa Amaddiin Maammaa kan jedhamu jiraattota nagaa siyaasa kam irraa bilisa ta’aan WBO nyaachistan jechuun reebicha irratti taasisuun hidhanii jiraachuun beekame.
Namootni hidhaman kunneenis baay’inni isaanii 15n kan ta’u, mana hidhaa keessatti guyyoota 14f dararaa argaa kan jiran, ammallee rakkoo fayyaaf saaxilamanii jiraachuun beekameera
Maqaan isaanis muraasni kan nu ga’e: Awwalee Abdii, Jibroo Umar, Murteessaa Awwal dabalatee haadhooliin sadis kan keessatti argaman dhibeef saaxilamanii akka jiranis dubbatu
Oduma hidhaan wal qabatuunis godina baha Harargee aanaa Qarsaa ganda Baalaangey fi gandoota biroo bakka sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo mul’atu mara keessatti maatii qabsa’ootaan ilmaan keessan WBOtti ergattan jechuun hidhaan hiraarsaa akka jiranis himu
Sababa ilmaan isaaniifis Guraandhala 19, 2024 obbo Haraarsoo Abdallaa fi Abdallaa Usmaan aanaa Qarsaattii hidhanii kan jiran obbo Kadiir Usmaan fi Asraar Qashoo Kan Jedhaman ammoo gandatti hidhanii jiraachuun beekameera.




