ONM-ABO Guraandhala 23, 2024
Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) qondaaltota Masrii waliin sagantaa liqii biyyattiin qormaata dinagdee sababa, dhiibbaa haala amma Gaazaa waliin wal qabatee dhufe, deggaruuf qophaa’ini jiru guddina gaarii agarsiisaa jira jedheera.
IMF fi aanga’oonni Masrii yeroo ammaa gamaaggama liqii Kaayiroo doolaara biiliyoona 3 amma qabdu gaggeessaa jiru.
Dubbi himtuun IMF Juulii Koozaak qormaata baqattoota Gaazaa irraa gara Masrii seenuun eegamu irraa kan ka’e Masriif “paakeejii deggarsa baay’ee bal’aa” barbaachisa jedhan.
“Masriin fedhii faayinaansii haftee akka hin qabne akkasumas sagantichi tasgabbii dinagdee maakroo fi faayinaansii mirkaneessuu akka danda’u mirkaneessuuf aangawoota Masrii fi michoota isaanii waliin baay’ee walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirra jedhan.
Oduma rakkoo Gaazaa wal qabatuun Netaaniyaahuun karoora Israa’el waraana booda Gaazaa to’achuuf qabdu ifa godhee jira.
Muummichi ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuun waraanni Israa’el dachee Falasxiin irratti geggeessaa jirtu erga xumurameen booda karoora egeree Gaazaa ilaalchisuun qaban kan dhiyeessan ta’uu Gaazexaan Times of Israel gabaaseera.
Karoorri kun “qondaaltota biyya keessaa” biyyoota ykn qaamolee “shororkeessummaa” deggaran waliin hidhata hin qabne dhaabuun naannoo Falasxiin bulchuuf yaada.
Akka gaazexaan kun jedhutti, waraanni Israa’el “guutummaa” Gaazaa keessa bilisummaan akka socho’u kan akeekuu fi hirmaannaan abbootii taayitaa Falasxiin maal akka ta’e kan hin ibsine ta’uu Aljazeeraan gabaaseera.




