• Sat. Jan 10th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat irraa loltootni murna bilxiginnaa lama WBOtti harka kennatan

Feb 23, 2024

ONM-ABO Guraandhala 23, 2024

Fedhii isaanii malee murni bilxiginnaa teessuma aangoo impaayerattii of jalatti tiksuuf jecha ilmaan Oromoo dirqamaan adda waraanaatti afaan qawwee fayyadamuun fe’aa kan ture yoo ta’u, har’a carraa qabanitti fayyadamuun qawwee sirnichi itti hidhe fudhachuun Oromiyaa zooniilee Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa socho’u keessatti harka kennachaa jiru.

Hacuuccaan murni bilxiginnaa uummata nagaa irratti dalagaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti akkuma dabalaa jiru loltootni sirnichi humnaan ofitti fuudhe kunneenis miidhama saba isaanii arguu dadhabuun gara qabsoo haqaatti dabalamaa jiru.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 21, 2024 lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Biitee irra loltootni sirnichaa raayyaa ittisa impaayerattii 2 sirnicha ganuun WBO aanicha keessa socho’utti harka kennataniiru.

Loltootni kunneenis qawwee dachaatuu lama, rasaasa 500, boombii 2 fi hidhannoo lama waliin WBOtti dabalamaniiru.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo lolli isaan murna bilxiginnaa jala hiriiruun taasisaa jiran uummata Oromoo bakka kan hin buunee fi sirnichi impaayera Itoophiyaa harmaa fi harka ilmaan Oromoo mure uummata Oromoo irratti itti fufsiisuu akka ta’e dhaloonni hubachuu qabus jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading