ONM-ABO Guraandhala 23, 2024
Lola Oromiyaa keessatti adeemaa jiruun walqabatee, akkasuma qaala’iinsa jireenyaa murni bilxiginnaa uummata irratti ol kaaseen uummanni Oromoo gaaga’ama hamaa keessatti kufanii wayita jiranitti maqaa gibiraa kanfalaa jedhuun maallaqa humnaa olii kaabinoonni sadarkaa olii hanga gadiitti jiran humna waraanaa of dura qabuun saamicha geggeessaa jiru.
Baatiwwan darban keessa dhibee Busaatin qoricha qaamni biyya bulchina jedhu yeroon dhiheessuufi dhabuun namoonni lakkoofsaan hedduu ta’an aanota akka Begii fi Qondaalaa dabalatee lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta’u, gariin isaanii ammoo qabeenyaa qaban gurgurachuun ofii harka qullaatti hafuun fayyaa isaaniif oolfatnii turan.
Haaluma kanaan torban kana irraa kaasuun kaabinoonni fi waraanni sirnichaa lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Laaloo keessatti namoota irraa maqaa gibiraan maallaqa humnaa olii funaanaa jiraachuu jiraattonni himan.
Akkasuma ajjeechaa fi hidhaan daangaa hin qabne bifa haaraan aanicha keessatti geggeeffamaa jiraachuu himuun, uummanni hedduunis qe’ee isaanii gad dhiisanii baqachuu dabaluun addeessaniiru.
