• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanota gara garaa keessatti kaadiroonni PP wal ga’ii jechuun uummata kora baasuun hidhanii ajjeesaa jiraachuun beekame

Feb 24, 2024

ONM-ABO Guraandhala 24, 2024

Uummata fayyaalessa hidhuun shakkii qaban qofa irratti hundaa’uun mana hidhaa keessaa baasanii ajjeesuu itti fufuun godina Horroo Guduruu Wallagga Aanaa Coomma Guduruu keessatti kadireen PP fi waraanni tiksituu Impaayera itoophiyaa Uummata Walgahii jechuun dirqamaan erga baasanii booda dhiirota hunda jumulaan mana hidhatti naquu maddeen keenya dubbatani.

Haaluma kanaan guyyaa wiixata darbee Gurraandhala 19, 2024 nama abbaa maati fi dafqaan bulaa ta’e kan maqaan isaa Obboo Xaaso Getaachoo jedhamu jiraata Magaalaa Ayyallee kan ta’e mana hidhaa keessa baasun naasu tokko malee Rasaasa itti naqanii ajjeesun Bishaan Laga Gabatee jedhamu keessatti gatuun reeffi isaa Bishaan keessa kan argame ta’u jiraattonni himani.

Hariiroo WBO waliin qabdu jechuun hawaasa jiruufi jureenya isaa gaggeeffataa jiru mana hidhaatti naquun tokko tokkoon naasnee isin ajjeesna jechuun itti dhaadachaa jiraachuus maddeen keenya dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply