• Wed. Nov 25th, 2026

PPn qondaalota ofii ukkaamsanii ala bulchuun ittiin sabboontota dararaa jiraachuun beekame

Feb 24, 2024

ONM-ABO Guraandhala 24, 2024 mana fi qabeenyaa sabboontotaa, akkasumas maatii qabsaa’otaa mancaasuun jireenya hirkattummaaf saaxilaa kan jiru PPn, kaabinoota ofii ukkaamsuun mana qonnaan bultootaa erga bulchanii booda, akka waan WBOn qabee qarshiifi meeshaalee irraa dhuunfatee fadhiiseetti olola sobaa qindeessuun hawaasa keessa tamsaasaa jiru.

Qonnaan bultoota sabboonummaa qabaniifi ija shakkiin ilaalan kaabinoonni sun achi bulle jedhanii akka dubbatan taasisuun, manaafi qabeenyaa irraa gubaa kan jiran yoo ta’u,

Haaluma kanaan, Kibba Lixa Shaggar Aanaa Walisoo keessatti, kaabinoota waajjira Geejjibaafi Buusaa Gonofaa irraa qabanii guyyaa tokko bakka tahe bulchuun erga gadi lakkisanii booda ofii immoo jaruma kana sobaan Mana hidhaatti galchuun akka waan qorannoo irrati gaggeessanii fakkeessuun, WBOn eessa isin bulche jechuun akka waan Eeruu kennaniitti Ganda Ancabbii jedhamu geessuun guyyaa kaleessaa jechuunis, Gurraandhala 22, 2024 guyyaa adiin manneen qotee bultoota shanii qabeenya waliin barbadeessanii deemuu maddeen keenya himaniiru.

Gochaa gara jabeenya PP kanaan raawwatameen uummanni dallansuu guddaa keessa kan jiru yoo ta’u, maatiin manni jalaa gubates qabeenyaa malee harka duwwaatti hafuu maddeen himaniiru.

Leave a Reply