ONM-ABO Guraandhala 26, 2024
Bilxiginnaan ajandaa badii qabatee socho’uun hawaasa nagaa irratti gochoota jibbisiisaa fi qorqalbii hawaasichaa cabsu guyyuu soquun qonnaan bultoota hojii dhuunfaa isaanii hojjetachuun jiraatan hiraarsuu irratti argama.
Akkuma kanaanis godina kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti bakka addaa seensa riqicha laga Waatiraa jedhamutti kaadirootni PP humnoota waraanaa qopheessuun dargaggoota gandoota baadiyyaa irraa magaalicha seenan maqaa waraaqaa eenyummaa keessan hin haaromfanne jedhuun qabanii hidhaatti darbaa jiraachuus dubbatu.
Oduu biraatiin ammoo aanaa Bachoo magaalaa Tullu Boolloo keessatti baay’ina uummataa leenjii milishaaf nu barbaachisu 1475 barbaanna jechuun tokko tokkoo gandootaa irraa namoota 75’n guuraa jiraachuunis beekameera.
Aanaa Bachoo keessatti namootni dirqamaan guuramuun cinatti saamichi qabeenyaas waraana gabroomsaa PP’n taasifamaa jiraachuus ONM’tti himaniiru.




