• Mon. Oct 19th, 2026

Godina baha Shaggar aanaa Adaamaa keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromoo da’oo godhachuun saamichi rawwatamaa jiraachuu Jiraattotni ONMtti himan

Feb 26, 2024

ONM-ABO Guraandhala 26, 2024

Bilxiginnaan Jaarmiyaa ABO-WBO maqaa xureessuuf guyyuu humnoota waraanaa ijaaree Oromiyaa keessatti kan bobbaasu, yaadaa fi karoora sirnichaa baruun uummatni Oromoo harkatti haa fashaleessuu iyyuu malee hanga ammaatti gochaan badii sirnichi taasisu itti fufee jira.

Akkuma kanaanis baatilee darban irraa kaasee shiftootni murni PP ijaaree waraana bilisummaa Oromoo fi hawaasa Oromoo walitti buusuuf hojjetan jiraattota baha Shaggar aanaa Adaamaa maallaqa guddaa qarshii 50,000-100,000 gaafachaa jiraachuun beekameera.

Akka jiraattotni ONM dubbise himanitti, humnootni hawaasa dararaa jiran kunneen eenyummaa isaanii guutummaatti dhoksuun, xiyyeeffannoo isaanii maallaqa qofaa irratti murteessuun qarshii gaafatamte galchi yoo hin galchine si ajjeesna jechuun abboota qabeenyaa doorsisaa jiraachuus himu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading